Aalimmonni dhaaltuu anbiyaati jedhan. Ana namni dr Jeeylaan Kadiiriin wal madaalu waan jiru natti hin fakkaatu. Akka afrikkattis ta'ee akka baha afrikaatti akkasuma akka biyya keenyaattis namni dr Jeeylaan kadiiriin bakka bu'u waan argamu hin seene. Abbaa beekumsa guddaa. Abbaa gadi of qabuun beekamu. Abbaa hojii cimaa. Qabsaahaa Diinii islaamaa. Wantoota madaaluudhaan kan beekaman. Lolaa fi mormiidhaaf nama iddoo hin qabne. Tokkummaa cimsuuf gatii guddaa kan kaffalan. Nama dargaggootaaf humna, ijoolleedhaaf abdii ta'aniidha. Nama tokkummaa lallabuun beekamaniidha.
Akka addunnyaattis nama beekamtii guddaa argataniidha. Univarsiitii adda addaattis kitaabota adda addaa maxxansuudhaan nama ummataaf gumaachaniidha. Haala qabatama Aalimoota biyya keenyaa barreeffamaan kan lafa kaa'aniidha. Nama beekumsaan dubbataniidha. Doktar Jeeylaan Kadiir har'as umrii manguddummaa kanatti dalagaa cimaa irra jiran. Dadhabee hin beekan. Barumsaa diinii qur'aanaa fi hadiisa yoo barsiisan haalan namatti tolan. Nama darasoota ofii akka sirritti hubataniif waan ofii barsiisan, irra deebi'anii darasoota dhageeffataniidha. Eega barumsa kennan boodas haajaa hedduutu isaan eeggata. Namni haajaaf isaan barbaadu tokkoo lamaa miti. Namuu duuba isaanii hordeefee hajaaf mana isaanii dhaqa. Jibbaa fi hifannaan isaan irraa hin mul'atu jedhan. Arjaadha. Arjaa kenni isaa hiyyeesa sooromsa. Jagna shik hin jenne ragga'aa onneen isaa. Ennaa waa haasa'us suutuma haasa'a. Sobaan hin argamu hasaa isaanii keessa. Hayaa'a guddataa kanaaf jaalallisaa nama hunda buta.
Fayyummaa wajjiin rabbiin umrii isaanii haa dheeressu.
✍️ Isak Ibrahim
Follow me
0 Comments